Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Fandiin Misooma Afrikaa waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 84.3 mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 26, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Fandiin Misoma Afrikaa oomishaa fi omishtummaa Qamadii fooyyessuuf kan oolu waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 84.3 mallatteessaniiru.

Waliigaltee deeggarsichaas, Ministirri Ministeeraa Maallaqaa Obboo Ahimad Shidee fi Fandii Misooma Afrikaa Bakka Bu’uun Afrikaa Bahaatti Ittaanaa Daayrektara Baankii Misooma Afrikaa Dooktar Abdul Kaamaaraan mallatteessaniiru.

Waligaltee deeggarsichaa keessaa Doolaarri miiliyoonni 543 Fandii Misoomaa Afrikaarraa, Doolaarri miiliyoonni 20 mootummaa Neezarlaandi irraa, Doolaarri miiliyoonni 10 Dhaabbataa AFrikaa OCP jedhamu irraa akkasumaas Doolaaraa kuma 300 Dhaabbata “Global Center For Adaptation” jedhamurraa kan argame ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Deeggarsi misoomaa kunis oomishaa fi omishtummaa qonnaan bultootaa qamadii lafa xiqqaarratti oomishaanii fooyyessuuf kan oolu yoo ta’u, qamadii naannawaaf mijataa oomishuuf, bu’uuraalee fi walitti hidhamiinsa gabaa guddisuuf akkasumas pirojektoota damichaa bulchuuf kan ooluudha jedhameera.

Deeggarsa kanas keessumaa fedhii qamadii biyya keessa oomisha biyya keessaan bakka buusuuf tattaffi taasifamu kan tumsu yoo ta’u, waggoottan shanan dhufan keessattis kan hojiirraa oolfamuudha jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.