Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Eeritiriyaan Imaammata bittaa garbummaa harka wayyaa jalaa biyyoota Lixaaf sodaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Eeritiriyaan Imaammata bittaa garbummaa harka wayyaa jalaa biyyoota Lixaaf sodaa ta’uu Gaazexeessaa Toomaas Maawunteen ibsan.

Afrikaan Bahaa naannawaa Daldalli Addunyaa bal’inaan itti gaggeeffame ta’uu isaan fedhiin Siyaasaa fi Diinagdee biyyoota lixaa dabalaa dhufuu Gaazexeessaa Toomaas Maawunteen turtii TRT waliin taasiisaniin ibsaniiru.

Ameerikaan yeroo dheeraaf naannawaa Afrikaa Bahaa waraanaa fi Diinagdeen olaantummaan to’attee turuu ibseera.

Yaa’uutii erga Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gara Aangootti dhufanii Ityoophiyaa fi Eeritiriyaa gidduutti nageenyi bu’uu hordofee olaantummaan Ameerikaan naannichatti qabdu hir’achaa dhufuu eeraniiru.

Ityoophiyaa fi Eeritiriyaan adeemsa Dippiloomaasii walxaxa Ameerikaa fudhachuu diduu isaaniin qoqqoobbiin hedduu irra kaa’aa jiraachuu kaasaniiru.

Ameerikaan olaantummaa naannichatti qabdu deeffachuuf garee Shororkeessaa ABUT karaa dhaabbilee gargaarsaa idil addunyaa garaagaraan deeggarsa taasiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Kuubaan qoqqoobbii Ameerikaa dandamachuun biyya birmadummaa ishee kabachiifte yoo taatu, Ityoophiyaa fi Eeritiriyaan ammoo biyyoota Afrikaa qoqqoobbii Ameerikaaf harka hin laanne ta’uu Gaazexeessaa Toomaas Maawunteen eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.