Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Deenmaarki ijaarsa madda anniisaa elektirikii Bubbee Asallaaf kan oolu waliigaltee liqaa mallatteessan

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Deenmaarki ijaarsa madda anniisaa elektirikii Bubbee Asallaaf kan oolu waliigaltee liqaa mallatteessan.
Ijaarsichi Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 46 kan fixu yoo ta’u, Yuuroo miiliyoonni 95 liqaa mootummaa Deemarki irraa argamuun uwwifama jedhameera.
Maddi anniisaa Bubbee kun Meegaa Waatii 100 maddisiisuu danda’a jedhame.
Liqichi dhala gadi aanaa fi yeroo dheeraan kan kaffalamu ta’uu eerameera.
Liqichi ijaarsa madda anniisaa haaroomuu Ityoophiyaan gaggeessaa jirtuuf gumaacha olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaarki Kaariin Poolsan kan Asallaa dabalatee ijaarsa madda anniisaa haaroomu Ityoophiyaan gaggeessituuf deeggarsi biyyattii kan itti fufu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Fuula Miidiyaa Hawaasummaa Imbaasichaarra argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.