Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo diinagdee isaanii cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Jilli Ityoophiyaa ministira Ministeera Galiiwwanii FDRI aadde Adaanach Abeebetiin duurfamu, hoggansa Bulchiinsa Taaksii Chaayinaa waliin mari’ate.

Aadde Adaanach ministira Bulchiinsa Taaksii Chaayinaa Waang Juun waliin Chaayinaatti walarganii mari’ataniiru.

Muuxannoo fi tumsa galii walitti qabuu biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaatti, hirmaannaan abbootii qabeenyaa Chaayinaa kallattii invastimantiirratti qaban Doolaara Ameerikaa biiliyoona 4.2 qaqqabeera.

Ityoophiyaan oomisha alaa galchitu keessaa %72 ol kan qabatu oomishaalee Chaayinaati.

Ityoophiyaan oomishti gara Chaayinaatti ergitu Doolaara biiliyoona 1.1 qaqqabeera.

Marichaanis hariiroo diinagdee biyyoota lamaanii jajjabeessun murteessaa waan ta’eef, caalmaan waliin hojjechuuf waliigalameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.