Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Chaayinaan garee tumsa Diinagdee Invastimantii fi Diinagdee guddisuuf dandeessisu hundeessuuf walii galan

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa fi Chaayinaan garee tumsa Diinagdee Invastimantii fi Diinagdee biyyoota lamaanii guddisuuf dandeessisu hundeessuuf walii galtee mallatteessaniiru.

Jilli Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen durfamu daawwannaa hojiif Chaayinaa Beejing galuun kan yaadatamuudha.

Jilichi marii Daldalaa, Invastimantii fi tumsa Diinagdee biyyoota lamaanirratti xiyyeeffate taasiseera.

Waltajjichaan garee tumsa Diinagdee Invastimantii fi Diinagdee biyyoota lamaanii guddisuuf dandeessisu hundeessuuf walii galtee mallattaa’eera.

Waliigalticha Obbo Ahimad Shiidee fi gargaaraan Ministira Daldalaa Chaayinaa Lii Fooy mallatteessaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.