Ityoophiyaa fi Chaad damee aviyeeshiniirratti walta’iisaan hojjechuuf waliigalan
Finfinnee, Fulbaana 20, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Chaad damee Aviyeeshinii fi damee geejjiba qilleensaarratti walta’iinsaan hojjechuuf waliigaltee gama lameenii mallatteessaniiru.
Waliigaltechis Yaa’ii Dhaabbataa Aviyeeshinii Idil Addunyaa 41ffaa Kanaadaa Montiriyaalitti gaggeeffamaa jiru cinaatti sagantaa gaggeeffamerratti kan mallatteefame ta’uu ragaan Ministeera Geejibaa fi Loojistiksiirraa argame ni mul’isa.
Sirna mallattichaarratti Ministirri Ministeerichaa Daagimaawit Mogosii fi Ministirri Meetiroolojii Biyyaalessaa fi Siviil Aviyeeshinii Chaad Hiisan Xaahir Sugumee argamaniiru.
Tajaajila aviyeeshinii gamalameenii irratti marii bu’aa qabeessaa gaggeessuun waliigalteerra ga’uun eerameera.
Waliigaltechis, Ityoophiyaa fi Chaad gidduu walta’iinsa damee aviyeeshinii jiru gara sadarkaa olaanutti ceesisuuf daandii kan banu ta’uu eerameera.
Hasan Xaahir gama isaaniin, Ityoophiyaa waliin to’annoo geejiba qilleensaa irratti waloon hojjechuufi hariiroo duraan ture cimsuurratti waliigalteerra ga’amuun faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru.
Yaa’ii gaggeffamaa jiru cinaattis Ityoophiyaan biyyoota garaagaraa waliin damee aviyeeshinii fi to’annoo qilleensaarraatti waloon hojjechuuf waliigalteewwan garaagaraa raawwachaa jirti jedhameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.