Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Baankiin Daanisk waliigaltee liqaa Birrii biiliyoona 4.49 mallatteessan

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Baankiin Daanisk waliigaltee liqaa Birrii biiliyoona 4.49 mallatteessan.
 
Waliigalticha ministirri Ministeera Maallaqaa FDRI obbo Ahimad Shiidee, daayreektarri baankichaa Jeelispar B. Peetarsanii fi itti aanaan daayreektara baankichaa Oolaf S. Maark Sheet mallatteessaniiru.
 
Waliigaltichi kan Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 17.30 yookin Birrii biiliyoona 4.49ti.
 
Maallaqichi proojaktii elektiriikaa bubbee Asallaa/ “Qonna Bubbee Asallaa” misoomsuuf hojiirra kan ooludha.
 
Proojaktichi Birrii biiliyoona 5.6 kan fixu yoo ta’u, kana keessaa Birrii biiliyoona 4.49 mootummaa Deenmaark bakka bu’uudhan baankichi laatera.
 
Proojaktiin liqaa kun elektiriika meeggaa waatii 100 maddisiisuu dandeessisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.