Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Baankiin addunyaa waliigaltee deeggarsa Doolaara miiliyoona dhibba 4 mallatteessan

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) –Sagantaa seeftineetii carraa hojii uumuu magaalotaa Ityoophiyaaf kan oolu Ityoophiyaa fi Baankiin addunyaa waliigaltee deeggarsa Doolaara miiliyoona dhibba 4 waliif mallatteessaniiru.

Deeggarsa Baankii addunyaarraa argame Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi deeggarsa mootummaan Ityoophiyaa Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50 waliigala proojektichaan magaaloonni 83 fayyadamoo ni ta’u jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee.

Haaluma kanaan Oromiyaatti magaaloonni 29, Amaaraatti magaaloonni 16, naannoo Kibbaatti magaaloonni 14, Tigraayitti magaaloonni 5, Soomaaleetti magaaloonni 5, Beenishaanguul Guuumz, Gaambeellaa fi Afaaritti magaaloonni tokko tokko Proojektii kanarraa fayyadamoo ni ta’u jedhame.

Harka qalleeyyiin magaaloota kanneen keessatti argaman kumni dhibbi 7 fi kumni 98 fi 500 waggoota shanan itti aanaan keessatti sagantichaarra fayyadamoo ta’u jedhameera.

Sagantaan kun bakka aanga’oonni mootummaa olaanoonii fi qaamooleen dhimmichi ilaallatu argamanitti magaalaa Daseetti ifatti kan eegalamu ta’uu dubbatameera.

Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaatti waamaman Baankii addunyaa Miisteer Usmaan Daayyoon Ityoophiyaan Afrikaatti filatamtuu ta’uu isheef deeggarsa kana argatte jedhan.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen gama isaaniin deeggarsa baankichi taasise galateeffataniiru.

Deeggarsi taasiifame hiyyummaa magaaloota keessatti muul’atu furuuf hojii mootummaan hojjechaa jiruuf gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu eeruu isaanii ragaan Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshiniirraa argame ni agarsiisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.