Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa guddina damee qonnaaf waliigaltee deeggarsa doolaara miiliyoona 80 mallateessan

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FCB)- Ityoophiyaa fi Baankiin Addunyaa guddina damee qonnaa Ityoophiyaa tumsuuf waliigaltee deeggarsa doolaara Ameerikaa miiliyoona 80 mallateessaniiru.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee fi Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaan Kibbaa fi Sudaanitti daayreektarri baankichaa Oosmaan Diyoon mallateessaniiru.

Boordiin hoji raawwachiistuu Baankii Addunyaa maallaqa tumsa Waldaa Misooma Idil Addunyaa Ityoophiyaadhaaf deeggarsa doolaara Ameerikaa miiliyoona 80 akka taasisu baatii Fulbaana 5, 2013 darbe murtoo dabarsuun isaa ni yaadatama.

Deeggarsichi sagantaa guddina qonnaa 2ffaan naannolee adda addaatti jireenyaa qonnaa bultoota foyyeessuuf oomishtummaa qonnaa guddisuufi jedhameera.

Akkasumaas oomishtummaa qonnaan bultoota gadi aanaa ta’anii guddisuuf ta’uu ragaan Ministeera Qonnaa irra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.