Ityoophiyaa fi Baankii Egziim Kooriyaa gidduutti waliigalteen liqaa Doolaarri miiliyoona 70 mallattaa’e
Finfinnee, Waxabajjii 30, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Baankii Egziim Kooriyaa gidduutti waliigalteen liqaa Doolaarri miiliyoona 70 mallattaa’e.
Liqicha keessaa Doolaarri Ameerikaa miiliyoona 40 karoora Ityoophiyaan weerara covid 19f deebii kennuuf baafattee rawwachiisuuf hanqinni baajataa akka hin mudanneef kan ooludha jedhame.
Kan hafe Doolaarri Ameerikaa miiliyoona 30 ammoo weeraricha ittisuu fi to’achuuf kan gargaaru, bittaa meeshalee fi sirna fayyaa fooyyessuuf akkasumaas hojiiwwan ijaarsa dandeettif kan ooludha.
Waligalticha Ministira Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Preezdaantii Baankii Egziim Kooriyaa Baang Muniyuu mallatteessaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.