Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Ayarlaandi waliigaltee deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 46 mallateessan

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa mootummaan Ayaralaandi waliin waliigaltee deggarsaa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 46 mallateessaniiru.

Waliigalticha Ministirri deetaan ministeera maallaqaa Yaasmiin Wahaabrabbii fi Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Ayarlaandi Niikoolaa Baarinaan mallateessaaniiru.

Waliigalticha sababa vaayrasii koroonaatin viidiyoo konfiraansiin gaggeessaniiru.

Waliigalteen deeggarsichaa waliigala Yuuroo miiliyoona 10 (Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 46) yoo ta’u, raawwii sagantaa misoomaa seeftineetii boqonnaa 5ffaaf akka oolu ragaan Ministeera Maallaqaarra argannee ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.