Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Ameerikaan waliigaltee Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 30 mallatteessan

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Ameerikaan waliigaltee deeggarsa Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 30 walii mallatteessan.
 
Mootummaan Ameerikaa karaa Eejansii Misooma Idil Addunyaa Ameerikaatin(USAID) deeggarsa Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 30 laatera.
 
Waliigaltee deeggarsaas daayreektarri ergama eejansichaa Siin Joonsii fi ministir deettaan Ministeera Maallaqaa FDRI obbo Admaasuu Nabbabaan mallatteessaniiru.
 
Deeggarsi laatame tajaajila fayyaa, barnoota, qonna, guddina diinagdee fi bulchiinsa gaarii fooyyessuuf kan ooludha jedhameera.
 
Mootummaan Ameerikaa waggoottan 20n darbanitti Ityoophiyaadhaf deeggarsa Doolaara biiliyoona 13, waggoottan arfan darban qofatti ammoo Doolaara biiliyoona 4 laatera..
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.