Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan  damee Faarmaasiiyuutiikaal Indaastiriin tumsaan hojjechuuf walii galan

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Aljeeriyaatti aanga’aa guutuun Ityoophiyaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachaw Ministira Ministeera Faarmaasiiyuutiikaal Indaastiriin Aljeeriyaa Dooktar looftii Benab Ahimand waliin walii mari’ataniiru.

Qaamoleen lameen dhimmoota waloo damichaan tumsaan hojjechuu dandeessisurratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachaw biyyoonni lameen hariiroo siyaasaa cimaa qabaachuu eeruun, hariiroo damee diinagdee garuu caalmaatti cimsuuf hojjetamuu akka qabu  himaniiru.

Ityoophiyaan damee Faarmaasiiyuutiikaaliin fedhii qorachaa kan guuttattu oomisha alaa galuun ta’uu eeraniiru.

Oomisha damichaa guddisuuf dhaabbileen alaa misooma damicharratti akka bobba’aniif imaammanni fi tarsiimoon  qophaa’uun Indaastirii Faarmaasii hundeessuuf hojjetama jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan dhaabbileen Aljeeriyaa misooma damichaarratti bobba’an muuxxannoo meeshaalee Faarmaasiiyuutiilaa fi qoricha oomishuuf gargaaraan qaban Ityoophiyaaf akka qoodan waamicha taasiisaniiru.

Ministirri Ministeera Faarmaasiiyuutiikaal Indaastiriin Aljeeriyaa Dooktar looftii Benab Ahimand gama isaanii waggootan muraasa dura biyyi isaanii hanqina dhiyeessii qorichaa alaa galchuun uwwisaa akka turte eeruun, mootummaan biyyattii yeroo dhiyoo as xiyyeeffannoo damichaaf laateen yeroo ammaa qorichoonni %70 ol ta’an biyya keessatti kan oomishaman ta’uu ibsaniiru.

Biyyi isaanii muuxxannoo damee kanaan qabdu Ityoophiyaaf qooduuf qophii ta’uu ishee eeraniiru.

Dhaabbileen Aljeeriyaa misooma damichaarratti bobba’an Ityoophiyaatti akka hojjetaniif sosochii taasifamu kan deeggaran ta’uu himaniiru.

Dabalataan Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachaw haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisuun ministirichaaf ibsa laataniiru.

Duula mootummaan Ityoophiyaa olaantummaa seeraa kabachisuuf hojjetaa jirurratti ibsa taasiisaniiru.

Duulichi wayita ammaa boqonnaa xumuraarra ga’uu fi gareen ABUT yeroo dhiyootti seeratti kan dhiyaatan ta’uu himaniiru.

Ministirri Ministeera Faarmaasiiyuutiikaal Indaastiriin Aljeeriyaa Dooktar looftii Benab Ahimand gama isaanii ergamni duraa mootummaa biyya tokkoo olaantummaa seeraa kabachiisuu akka ta’e himuun, duula gaggeeffamaa jiru kallattii kanaan kan hubatan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Aljeeriyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.