Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa diiguuf hojjechaa kan ture gareen ABUT ariitiin seeraatti dhiyaachuu qaba – PDT

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) –Gareen ABUT balleessaa isaaf adabbii maluu akka argatuuf ummannii fi dargaggoonni Tigiraay yakkamtoota saaxilanii laachuun itti gaafatamummaa seenaa akka bahatan Paartiin Demokiraatawaa Tigiraay (PDT) gaafate.

Tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu garee badii ABUT irratti mootummaan fudhachuu eegale cimee akka itti fufu qabu dhalattoonni Tigiraay magaalaa Baahir Daar jiraatan himaniiru.

Hogganaan Qunamtii Hawaasaa Paartichaa obbo Mulubirhaan Hayluu TOI waliin turtii taasisaniin, ABUT paartii sabaa fi saba, amantaa fi amantaa walitti buusuun paartii jiraachaa turedha jedhan.

Qindeessaan paartichaa obbo Tasfaayee Haddush ummanni Tigiraay bishaan qulqulluu dhuguu fi nyaata nyaatu hin qabu, ummata cunqurfamaadha jedhan. Gareen ummata Tigiraay dayeeffate biyya saamaa ture seeratti akka dhiyaatuuf ummanni tumsuu akka qabu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.