Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa diiggamuuf qarqarra geessee turte baraaruun danda’ameera – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa diiggamuuf qarqarra geessee turte baraaruun danda’ameera jedhan Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Obbo Shimallis sagantaa guduunfaa duula nu filadhaa fi galateeffannaa Paartii Badhaadhinaa Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaatti gaggeeffameerratti haawasa taasiisaniin ummanni Oromoo Ityoophiyaa fi Ityoophiyummaa dagaaagsuuf ga’ee ba’aa turaniif galateeffataniiru.
Hoggansa Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad laataniin kallattii hedduun bu’aa jajjabeessan argamuu ibsaniiru.
Hoggansa cimaa isaan laataniin Ityoophiyaa diiggamuuf qarqarra geessee turte baraaruun danda’ameera jedhan.
Proojektoonni misoomaa baroota dheeraaf harkifatanii fi haaraa jalqabaman qulqullinaa fi saffisa olaanaan ijaarramanii xumuramuu himaniiru.
Badhaadhinni sabdaneessummaa dagaaagsuuf paartii xiyyeeffannoon hojjetu ta’uu eeraniiru.
Sirna cimaa Ityoophiyaa diinagdee badhaatee fi siyaasaan qaroomte ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.