Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa bakka bu’uun ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ramadaman kakuu raawwatan

 

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) –Ityoophiyaa bakka bu’uun ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa ramadaman kakuu raawwatan.

 

Ambaasaaddaroonni haaraa muudaman guyyaa har’aa Preezdaantii FDRI Saahilawarqi duratti kakuu raawwataniiru.

 

Ambaasaaddaroonnii kakuu raawwatan faayidaa biyyaa eegsisuuf akka hojjetanii fi itti gaafatamummaa itti laatame akka ba’atan beekameera.

 

Sirnicharratti kan argaman Preezdaanti Saahilawarq Zawdee ambaasaaddaroonni kunneen carraawwn biyyatti madaaluu adda baasuun fiduurratti xiyyeeffatanii akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

 

Kakuu erga raawwatanii booddee ambaasaaddaroonni kunneen ashaaraa magariisaa sirna biqiltuu dhaabuu rawwataniiru.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.