Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa Badhaate Dhaloota dhaalchisuuf lammiileen biyyattii hundi tumsuu akka qaban waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa Badhaate Dhaloota dhaalchisuuf lammiileen biyyattii hundi tumsuu akka qaban Manni Maree Diinagdee Maakroo Biyyaalessaa waamicha dhiyeesse.
Diinagdeen Ityoophiyaa dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun guddina gaarirratti kan argamu ta’uu Manni Maree Diinagdee Maakroo Biyyaalessaa mirkaneessera.
Manni Maree Diinagdee Maakroo Biyyaalessaa raawwii baatiwwan salgan darbanii ilaalchisee ibsa laateera.
Diinagdeen biyyattii akkuma siyaasaa haaloota garaagaraan qoramaa turuu ibseera.
Balaawwan namtolchee fi uumamaaa diinagdee Maakrooo biyyattiif qormaatilee ta’anii turuu himeera.
Hamilee injifannoowwan galmeessineen uumaman fayyadamne Ityoophiyaa Badhaate Dhaloota dhaalchisuuf lammiileen biyyattii hundi tumsuu akka qaban manni marichaa waamichi dhiyeeseera.
Baatiwwan salgan darban lammiilee miiliyoona 1.4f carraan hojii uumamuu himeera.
Misooma Jallisii Boneen lafa hektaara kuma dhibba 6 fi kuma 13 misoomerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 25 argamuu ibseera.
Daballiin gatii kan bara darbeen yoo madaallame % 36.6 ol guddachuu himameera.
Diinagdeen Ityoophiyaa rakkoolee hedduu dandamachuun % 6.6 guddachuu akka danda’u raawwiin Diinagdee Maakroo baatiwwan salgan darbanii agarsiiftuu ta’uu manni marichaa ibsa isaan eereera.
Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.