Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa 2 – 0 Ijipti

Finfinnee, Waxabajjii 2 , 2014 (FBC) –Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha Gulaallii Waancaa Afrikaa 2023f gaggeessaa jiruun gita isaa Ijipti goolii 2 fi 0n injifateera.

Taphataan sarara fuulduraa garichaa Daawwaa Hoxxeesaan daqiiqaa 21ffaa fi Shimallis Baqqalaan daqiiqaa 40ffarratti goolii tokko tokko lakkoofsiisaniin taphichi olaantummaa garee kubbaa miilaa biyyaalessa Ityoophiyaan xumurameera.

Waaliyaawaan qabxii sadi walitti qabachuun garaagarummaa gooliin ramaddicha dursaa jiru.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha jalqabaan gita isaa Maalaawwiin goolii 2 fi 1n injifatamuun kan yaadatamuudha.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.