Ityoo-Teeleekoom giddugala odeeffannoo moojulaaraa haala waliin fayyadamuun dabnda’amurratti dhaabbilee 4 waliigaltee mallatteesse
Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Ityoo-Telekoom giddugala odeeffannoo moojulaaraa haala waliin fayyadamuun dabda’amurratti dhaabbilee 4 waliigaltee mallatteesseera.
Dhaabbatichi waliigalticha kan mallatteesse Baankiin Zamzam, Baankii Zaman, Baankiin Hijiraa fi dhaabbata liqiif qusannoo Raaysi, waliin ta’uu ibsameera.
Giddugalichi dhaabbileen faayinaansii tajaajila si’ataa kennuu fi miidhaa gama haalellaa saaybariin dhufu qolachuuf kan gargaarudha jedhameera.
Teeknooloojichi danbalii maallaqaa biyyattii saffisisuu irra darbee, Ityoophiyaan diinagdee diijitaalaa yeroo gabaabaa keessatti akka milkeessituuf kan haala mijeessu ta’uu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Ityoo-Teeleekoom Fireehiwoot Taammiruun ibsaniiru.
Dhaabbileen maallaqaa biyyattiis, haala salphaa ta’een tajaajila akka kennaniif kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.