Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teelekoom Hojjettoota Qulqullina Magaalaa Finfinnee dubartoota 353 bilbilaa ammayyaa badhaase

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC) -Ityoo Teelekoom Hojjettoota Qulqullina Magaalaa Finfinnee dubartoota 353 bilbilaa ammayyaa badhaaseera.

Badhaasichi guyyaa dubartoota Idil Addunyaa sababeeffachuun kan kenname ta’uun eerameera.

Ityoo Teelekoom bilbila ammayyaa kanneen Birrii miiliyoona 3’n bituun badhaasuu eeruun, badhaasichi dhaabbatichi hojiilee dubartoota ga’oomsu fi hirmachisuu akka hojjetu ibsameera.

Guyyaan dubartoota Idil Addunyaa baranaa mata duree “Kalaqa Teeknooloojii Walqixxummaa Koorniyaaf ” jedhuun akka Addunyaatti yeroo 122ffaaf, akka Ityoophiyaatti yeroo 47ffaaf kabajamaa jiraachuu EBCn gabaaseera.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.