Fana: At a Speed of Life!

Ittisa dhibeewwaniif muuxannoowwan qulqullinaa babal’isuu barbaachisa jedhame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC)-Imaammata fayyaa ittisa dhibeewwanii irratti xiyyeeffate milkeessuuf muuxannoowwan qulqullina naannoo fi dhuunfaa babal’isuun barbaachisaa ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Godina Jimmaatti sagantaan muuxannoo wal jijjiirraa qulqulina naannoo fi dhunfaa eeggachuu gaggeeffameera.

Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa sagantichaarratti, ittisa dhibeewwaniirratti hojiileen Godina Jimmaatti hojjataman naannoolee biroof fakkeenya ta’uu dubbataniiru.

Imaammata fayyaa ittisa dhibeewwaniirratti xiyyeeffate milkeessuuf muuxannoowwan qulqulina naannoo fi dhunfaa eeggachuu babal’isuun barbaachisadha jedhan.

Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaatti Qindeessaan Sagantaa Ittisa Dhibeewwan Daddarboo Obbo Darajjee Isheeteen gama isaaniin, duraan hanqina qulqulinaan dhibeewwan hawaasa godinichaa miidhaa turuu yaadachiisan.

Haa ta’u male, hubannoo fayyaa hawaasa godinichaaf kennameen, qulqullinni naannoo fi qe’ee gandoota godinichaa 424 guutummaatti mirkaanaa’uun, rakkoon fayyaa qaqqabaa ture hir’achuu himan.

Sagantichaan qe’een abbootii warraa adda duree Aanaa Maannaa fi Saqqaa Coqorsaa kan daawwatame yoo ta’u, hoggantoonnii fi qindeessitoonni fayyaa Godinaalee Oromiyaa 21fi magaalota 19 hirmaataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.