Fana: At a Speed of Life!

Itti gaafatamummaa ummataa fi heeraan nutti kenname amanamummaa olaanaan hojjechuutu nurraa eegama- Aadde Sa’adaa

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC)- Itti gaafatamummaa ummataa fi heeraan nutti kenname amanamummaa olaanaan hojjechuutu nurraa eegama nurraa eegama jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurrahman.

Qaamolee mootummaa sadeen keessaa Caffeen ykn qaamni seera baaftuu naannoo keenyaa gaaffii misoomaa, bulchiinsa gaarii, kenniinsa tajaajilaa fi haqaan walqabatee ummanni keenya kaasu deebisuun ergama bakka bu’ummaa isaa qajeelloon bahatee fayyadamummaa ummata isaa mirkaneessuu qaba jedhan.

Akkasumas waadaa ummata bakka isa buufateef gale haqummaa fi amanamummaa olaanaan tajaajiluuf gurmaa’iinsa haaraa taasisuun hooggansa isaa filatee hojiisaa eegaluu aadde Sa’adaan himaniiru.

Caffeen, ergamoota gurguddoo gama hojii seera tumuun, sirna wal hordofuufi to’achuu, Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran cimsuu irratti xiyyeeffatee wayita hojjetutti galmoota imala karoora badhaadhinaa eaggoota kudhanii Caffee kanaan mirkanaa’e milkeessuuf qooda isaa bahachuu qaba jedhan.

Kanaaf immoo, dandeettii raawwachisummaa koreewwan dhaabiifi ogeessoota deeggarsa ogummaa kennan cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Leenjii mata dureewwan adda addaa sadii: gurmaa’ina, hojimaataa fi naamusa Caffichaa, sirna hordoffiifi to’annoo fi adeemsa seera tumuu irratti ogeessota muuxannoo gahaa qabaniin kennuuf yaadamee waltajjii qophaa’e ta’uu Aadde Sa’adaan ibsuu ragaan Caffee Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.