Fana: At a Speed of Life!

Itti fayyadamni nyaata lubbuu baraarsaa hinmalle tajaajila fayyaa irratti dhiibbaa uumaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Itti fayyadamni nyaataa lubbuu baraarsaa hinmalle jeeqamuu sirna nyaataa uumuun tajaajila fayyaa irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsan.

Ministeerri Fayyaa, Tajaajila fayyaa jeeqamuu sirna nyaataa gara sagantaa fayyaa idileetti galchuuf waliigalteewwan dandeessisan Koomishinii Hoggansa Soda Balaa, Sagantaa Nyaataa Idil Addunyaa fi Dhaabbata Gargaarsaa Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltechas Ministirri Ministeerichaa Dooktar Liyaa Taaddasaan hoggantootaa dhaabbilee waliin mallatteessaniiru.

Dooktar Liyaan sirna waliigaltechaarratti akka jedhanitti, galteewwan wal’aansaaf ta’an seeraan ala gurguramaa jiraachuu ibsanii, kunis kenniinsa tajaajilaa irratti dhiibbaa uumaa jira.

Gochi seeraan alaa kun yakka ta’uutti dabalataan namoonni fayyaa qabeeyyiin yoo fayyadaman jeeqamuu fayyaaf kan saaxilu ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.