Fana: At a Speed of Life!

Itti fayyadama fi qabiinsa ragaa fayyaa ammayyaa hojii irra oolchuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC) – Itti fayyadama fi qabiinsa ragaa fayyaa ammayyaa hojii irra oolchuuf sadarkaa biyyaaleessaatti hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerichi tajaajila Fayyaa fooyya’aa laachuuf hojjetamaa jiraachuu eereera.

Torbeen fayyaa mata duree ‘hirmaannaa damee dhuunfaa, dandeettii fi itti gaafatamummaa yaa cimsinu’ jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti kabajamaa jira.

Qulqullina odeeffannoo damee fayyaa fooyyessuuf imaammataa fi sagantaalee hawaasa fayyadan haaraa qopheessuun faayidaa olaanaa qabaachuuf Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.

Qabiinsaa fi sirna ragaa fayyaa ammayyeessuun dogongoroota yaala fayyaa hambisuun murtoo sirrii laachuuf ga’ee qabaachuu dubbataniiru.

Dhaabbilee fayyaa dhuunfaa fi qooda fudhattoota waliin ta’uun bulciinsaa fi sirna qabiinsa ragaa ammayyeessuuf hojjechaa jiraachuu Dooktar Darajjeen himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.