Fana: At a Speed of Life!

Itti Aantuun Kantiiba Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee nageenyaa magaalaa Finfinnee irratti mari’atan

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) – Itti Aantuun Kantiiba Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee nageenyaa magaalaa Finfinnee irratti mari’atan.
 
Itti Aantuun Kantiiba Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee guyyaa har’aa dhimma nageenyaa magaalaa Finfinnee ilaalchisee qaama mootummaa dhimmi kun ilaallatu waliin mari’ataniiru.
 
Dhimma nagaa fi tasgabbii magaalattii ilaalchisee haala qabatamaa jiru, rakkoolee fi hojiiwwan rakkoolee mudatan hiikuuf hojjataman akkasumas danqaalee gurguddoo mudatan maal akka ta’anirratti mari’taniiru.
 
Aadde Adaanach Abeebee walumaagalatti magaalaan Finfinnee akkuma maqaa ishee nagaa fi tasgabbii isheef malu akka qabaattuuf waan barbaachisu hunda raawwachuuf kallattii fuulduraa kaa’uun marii keenya har’aa goolabneerra jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.