Fana: At a Speed of Life!

Itti Aantuun Af Yaa’ii Mana Maree Federeshiinii Aadde Tsegenet Mangistuun Aanaa Baabbileetti Hojii kenna tajaajila lammummaa fi ashaara magariisaa eegalchiisan

Finfinnee, Adooleessa 18, 2013 (FBC) –Jilli Itti Aantuu Af Yaa’ii Mana Maree Federeshiinii Aadde Tsegenet Mangistuun durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbileetti Hojii kenna tajaajila lammummaa fi ashaara magariisaa eegalchiisee .

Manni Mariichaa ganna kana akka biyyaatti hojii tola ooltummaan manneen harka qalleeyyii ijaaruu fi suphuu akkasumas hojii ashaaraa magariisaa irratti kan hojjatu ta’uu Aadde Tsegenet himaniiruu.

Guyyaa har’aa magaalaa Baabbileetti manneen harka qalleeyyii 3 ijaarsa isaa kan eegalchiise yoo ta’u, Federeshiinichi harka qalleeyyii kanaafis tokkoon tokkoo isaaniif Birrii kuma sadi sadi laatera.

Sirnicharratti kan argaman itti aanaan Bulchaa Godina Harargee Bahaa obbo Ayyaalaw Taakkalaa, godinichatti hojiin kenna tajaajila lammummaa fi ashaaraa magariisaa haala gaariin adeemsifamaa jiraachuu himuun, hawaasni hojii kana milkeessuuf hirmaannaa taasisuu akka qabu dhaamaniiruu.

Manni maree federeeshiinii hojii tola ooltummaa garaagaraa eegalchiisuun hawaasa keenyaaf hojii fakkeenyummaa qabu waan ta’eef, qaamoleen biroos kanarraa barachuun dadhabaa ofii gargaaruu fi biqiltuu dhaabuun biyya magariisa dhaloota dhaalchisuu qabu jedhan itti gaafatamtuun Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Muhaammad.

Jilli kun guyyaa har’aa biqiltuu bunaa 200 ol dhaabeera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.