Fana: At a Speed of Life!

Itti Aanaan Muummee Ministiraa hojii daandii Giimbaa Taanbaa eegalchiisan

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa Dammaqaa Mokonniin baasii Birrii biiliyoona 2 oliin kan ijaaramu hojii daandii aspaaltii Giimbaa Taanbaa eegalchiisaniiru.
 
Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaatti kan argamu kiiloo meetra 80.22 kan uwwisu hojii daandii aspaaltii Giimbaa Taanbaa ifattti eegaleera.
 
Ijaarsi daandichaa dhaabbata Chaayinaa konistiraakshinii Jiyaangizh Za Sakandiin raawwatama.
 
Itti Aanaan Muummee Ministiraa mootummaan qulqullina daandii Ityoophiyatti argamu guddisuu fi daandii haaraa ijaaruuf Birrii biiliyoona 50 ol ramadee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Ijaarsi daandichaa waggaa sadi keessatti xumuramuun tajaajila ni laata jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.