Fana: At a Speed of Life!

Itti Aanaan Muummee Ministiraa Dammaqaa Mokonnin ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa garagaraatiif haala waqtaawaa naannoo Tigiraay irratti ibsa laatan

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC) –Itti Aanaan Muummee Ministiraa Dammaqaa Mokonnin ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa garagaraatiif haala waqtaawaa naannoo Tigiraay irratti ibsa laatan.
Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa garagaraatiif haala waqtaawaa naannoo Tigiraay jiru irratti ibsa laataniiru.
Obbo Dammaqaaan ambaasaaddaroota Jibuutii, Eertiraa, keeniyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Buruundii, Ruwaandaa, Yuugaandaa fi Afrikaa Kibbaaf ibsa kan laatan.
Wayita kana Juuntaan ABUT miseensoota raayyaa ittisa biyyaa ajaja Kaabaa irratti miidhaa erga qaqqabsiisee booddee mootummaan naannichaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhate ambaasaaddaroonni fi hoggantoonni biyyaa deeggarsa isaan agarsiisaan dinqisiifataniiru.
Afrikaan Kibbaa akka dura bu’ummaa Gamtaa Afrikaatti naannichaatti nageenya buusuuf gumaachi isaan ba’an kan dinqisiifatamu ta’uu himaniiru.
Wayita ammaa mootummaan naannichaatti teeleekoomii dabalatee bu’uuraalee misoomaa diriirsuu akkasumaas, lammiilee qe’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.