Fana: At a Speed of Life!

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan Waldaa Misooma Guraagee itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawin duurfamu waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan Waldaa Misooma Guraagee itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawin duurfamu waliin mari’atan.

Turtii isaanitiin akkaataa sochii misooma magaalaa Finfinneerratti hirmaatanirratti mari’atameera.

Injiinar Taakkalaa Uuman hirmaannaa misoomaa hawaasa Guraagetiif bulchiinsi magaalichaa deeggarsa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Obbo Ristuu Yirdaaw gama isaanitiin hirmaannaa hawaasummaa taasifamuun ala, sochiilee misoomaa hawaasichi taasisu naannoon Kibbaa kan deeggaru ta’uu beeksisaniiru.

Injiinar Taakkalaan hirmaannaa gama hundaa hawaasichaaf galateeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.