Fana: At a Speed of Life!

Ittaanaan Pireezidaantii Taayiwaan Ameerikaa galuun Chaayinaa dheekkamsiise

Finfinnee, Hagayya 7, 2015(FBC)- Ittaanaan Pireezidaantii Taayiwaan Wiiliyaam Leey Ameerikaa galuun Chaayinaa dheekkamsiisuun gabaafame.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, Ittaanaa Pireezidaantii Taayiwaan gara Paaraaguwaay hojiif wayita imalan Ameerikaa qubachuu isaanii Beejiingi akka laayyootti kan hinilaaltu.

Chaayinaan, Ameerikaa fi Taayiwaan gidduutti hariiroo taasifamu kamuu cimsitee kan mormitu ta’uu ibsichaan akeekteetti.

Wiiliyaam Leey turtiin Ameerikaatti taasisan birmadummaa biyyattii kan sarbuudha jechuun ministeerichi hubachiiseera.

Taatecha hordofees Chaayinaan Taayiwaan irratti tarkaanfii cimaa kan fudhattu ta’uu akeekkachiisuu TRT’n gabaaseera.

Chaayinaan dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu kan eere ibsichi, gochaalee birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaa biyyattii faallessaniif obsa kan hinqabne ta’uu beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.