Fana: At a Speed of Life!

Ittaanaan Diiviizhinii Oppireeshinii Idil Addunyaa “USA FBI” Poolisii Federaalaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2015 (FBC) – Ittaanaan Diiviizhinii Oppireeshinii Idil Addunyaa “USA FBI”  Reeymoond Duudaafi Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuun Mootummaa Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsan Waajjira Olaanaa Poolisii Federaalaatti daawwannaa hojii taasisan.

Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el hojiilee riifoormii waggoottan arfan darbanitti hojjetaman irratti ibsa taasisaniiru.

Ittaanaan Diiviizhinii Oppireeshinii Idil Addunyaa “USA FBI”  Reeymoond Duudaan, FBI yakkoota daangaa ce’an kanneen akka daddabarsa namaa seeraan alaafi shororkeessummaa ittisuurratti Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Tumsicha cimsanii kan itti fufan ta’uus kaasaniiru.

Dabalataanis FBI Poolisii Federaalaa Ityoophiyaaf ijaarsa dandeettiirratti deeggarsa taasisuufi dippaartimantii foorensikii meeshaaleen deeggaruuf waadaa seenuu ragaan poolisii federaalaarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbileen lameen gara fuulduraattis hariiroo isaanii daran cimsuun dhimma nageenyaarratti waliin hojjechuuf waliigaluu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.