Itiyoophyaatti Guyyaan Dubartoota Addunyaa yeroo 48ffaaf kabajama
Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti Guyyaan Dubartoota Addunyaa yeroo 48ffaaf mata duree “Dubartoota haa ga’oomsinuu, misoomaafi nageenya haa mirkaneessinuu” jedhuun akka kabajamu Ministeera Dhimma Dubartoota fi Hawaasummaa ibse.
Ministirri Ministeerichaa Dooktar Ergooggee Tasfaayee ibsa kennaniin guyyichi Guraandhala 1 hanga Bitootessa 18, 2016’tti sadarkaa federaalaarraa hanga aanaatti qophiilee garaagaraan walta’iinsaa fi qindoominaan kabajama jedhan.
Guyyichi wayita kabajamus walqixxummaa dubartootaa kabachiisuu hanaga ijaarsa biyyaa keessatti qabsoo dubartoonni taasisan yaadachuun akka ta’e himan.
Tigisti Asmaammaawutu gabaase.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.