Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaatti Turtiin keenya gammachiisaa, biyyaattinis jijjiiramarra jiraachuu hubanneerra-Taphattoota Duraanii Naayijeeriyaa

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)- Turtiin Itiyoophiyaatti taasisan akka isaan gammachiisee fi biyyattiinis jijjiiramaa saffisaarraa jiraachuu hubachuu Taphattoonni Duraanii Kubbaa Miilaa Naayijeeriyaa dubbatan.

Taphataa Urjii duraanii Naayijeeriyaa Niwaankuu Kaanuu dabalatee taphattoonni ciccimoo Afrikaa, Feestivaala Shanan Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuun isaaniin ni yaadatama.

Turtii isaanin feestivaalichaatti dabalataan hojiilee misoomaa garaagaraa daawwachuu ibsaniiru.

Har’a ganamas Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin tapha michummaa taasisuu fi naannawichatti biqiltuu dhaabaniiru.

Niwaankuu Kaanuun akka ibsaniitti, Itiyoophiyaa aadaa midhagaa fi ajaa’ibsiisaa biyyaa qabduudha.

Turtii isaaniin simannaa taasifameefiin akka mana isaanii jiranitti itti dhaga’amuu himuun, fuuldurattis gara Itiyoophiyaa deebi’ee akka dhufu amantaa qaban ibsaniiru.

Mul’ata Itiyoophiyaaf qabaniin hojiilee misoomaa Ministirri Muummee hojjechaa jiran daawwachuu kaasaniiru.

Taphataan Sarara Ittisaa Duraanii Naayijeeriyaa Taariiboo Weesti, turtiisaaniin hojiilee misoomaa garaagaraa daawwachuu himaniiru.

Daani’eel Amookaachi gama isaanii kabajaa fi jaalalaan nu simataniiru jedhanii, tapha michummaa Ministira Muummee waliin taasisanii fi biqiltuu dhaabuun miirri addaa kan uumuu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.