Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaatti Sooggoorraa waraqaan oomishamuu eegale

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti haftee oomisha Warqeerraa (Sooggoo) waraqaa oomishuu eegaluu Indaastiriin Adaal beeksise.

Sooggoorraa warqaa oomishuun fedhii biyya keessaa guutuu fi sharafa alaa bittaa waraqaaf ba’u hambisuuf hojjechaa jiraachuu indaastirichi eereera.

Indaastiricha hundeessuuf Inistitiyuutii Misooma Indaastirii Maanufaakchariingiirraa deeggarsa ogummaa taasifameen haftee warqeerraa waraqaa oomishuun eegalamuu Tajaajillii Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Itiyoophiyaatti oomishi warqee nyaataaf ooluurra darbee hafteen isaa qorichaaf, nyaata beeyladootaaf akkasumas waraqaa oomishuu fi tajaajila biroof akka oolu eerameera.

Dursaa Hoji Raawwachiisaan Inistiitiyuutii Misoomaa Indaastiriiwwan Maanufaakchariingii Dooktar Deessisaa Yaadataan akka ibsanitti, biqilaa warqee irratti qorannoo taasifameen galtee oomisha waraqaaf akka oolu mirkanaa’eera.

Bu’uura bu’aa qorannichaan Dhaabbanni Oomishaa Indaastirii Adaal, inistiitiyuuticha waliin ta’uun waraqaa oomishuu eegaluu himaniiru.

Itiyoophiyaan bittaa waraqaaf Doolaara miiliyoona 100 ol baasii akka taasiftu himanii, indaastiriin gara oomishaatti seenes fedhii biyya keessaa oomishuun guutuuf akka hojjetu gaafataniiru.

Adeemsa oomishaa amma eegalames warshaaleen biroon akka irratti bobba’an ni taasifama jedhan.

Hoji Gaggeessaan Indaastirii Adaal Adaanee Barhee gama isaaniin, warshichi, waraqaalee Gaazexaaf, kitaabaaf, kaartooniif ta’an oomishuu eegaluu ibsan.

Galtee waraqaa oomishuuf tajaajilus walitti fufiinsaan argachuuf qonnaan bultoota naannawaa biyyatti warqeen bal’inaan oomishamutti argaman waliin walitti hidhamiinsi uumaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Indaastirichi giddugaleessaan waggaatti waraqaa toonii kuma 30 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu eeranii, fuuldurattis fedhii biyya keessaa guutuurra darbee oomisha gara alaatti erguuf karoorfachuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.