Itiyoophiyaatti seenaa yaa’ii keessatti kan bakka bu’oonni sabaa fi sablammootaa hundi irratti hirmaataan Yaa’ii Badhaadhina qofa-Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Amajjii 23, 2017 (FMC)– Itiyoophiyaatti seenaa yaa’ii keessatti kan bakka bu’oonni sabaa fi sablammootaa hundi irratti hirmaataan Yaa’ii Badhaadhina qofa jedhan Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Sirna baniinsaa Yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaarratti Dooktar Abiy Ahimad haasawaa taasisaniin yaa’iin paartichaa diimokiraatawaa fi hirmaachisaa akka ta’uu himan.
Yaa’ii paartiilee Itiyoophiyaa keessatti bakka bu’oota sabaa fi sablammootaa Itiyoophiya hundaa hammatee yaa’iin gaggeeffamu kan Paartii Badhaadhinaa qofa jedhan.
Yaa’iin idilee 2ffaan kunis hoggantoota ga’umsa qaban kallatii Itiyoophiyaa hundarraa kan walitti fidu ta’uun, adeemsi yaa’ichaa, yaadonni hammataa, hirmachisaa fi diimokiraatawaa ta’an kan irratti calaqqisiifamani yaadota gabbataan, hoggantoonni ga’umsa qaban kallattii hundarraa akka filataman taasisuun, hojmaata akeekuu fi daandii baratameen ida’amuun akka ba’an taasifama jedhan.
Yaa’ii 2ffaan paartichaa kun mata duree “Waadaarraa hanga Aadeffannaatti” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu yaadachiisanii kunis waadaan jechaan kan ibsamu yoo ta’u, aadaan ammoo, barsiifata, sona ta’uun fedhii ofiin dhimma gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia