Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiilee eegalaman deeggaruun barbaachisaadha- Sulxaan Ahimad Alii Miiraah

Finfinnee, Ebla 15, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiilee eegalaman deeggaruun barbaachisaa ta’uu Sulxaanni Ummata Afaar Ahimad Alii Miiraah dubbatan.

Sulxaannii Afaar 15ffaan Ahimad Aliimiiraah turtii biyya alaa booda guyyaa har’aa gara biyyaatti deebi’aniiru.

Sulxaan Ahimad Alii Miiraah yaada kennaniin Itiyoophiyaatti sochiilee invastimantii fi misoomaa eegalaman galmaan ga’uuf nageenya mirkaneessuu barbaachisa jedhan.

Itiyoophiyaanonni tokkummaa isaanii cimsuun, nageenyaaf waardiyyummaa dhaabbachuun, hojiilee misoomaa akka deeggaran gaafataniiru.

Naannoon Afaar gama misoomaa qonnaan bu’aa jajjabeessaa argamsiisuu dabalatee mootummaan jijjiiramaa dameewwan hundaan fooyya’iinsi hedduun akka mul’atan eeranii, kunis cimee akka itti fufu walta’iinsan hojjechuu barbachisa jedhaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad misooma waaraa mirkaneessuuf hojiilee hojjechaa jiran akka deeggaran himan.

Bilisummaa Afrikaa booda daangaan gita bittaan kaa’aman biyyoota Afrikaa hedduutti itti fufuu yaadachiisanii, kunis Itiyoophiyaa karra galaanaa akka dhabsiise eeraniiru.

Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa sirrii ta’uu kan kaasaan Sulxaan Ahimad Alii Miiraah gaaffichaaf karaa nagaan furmaata kennuun akka barbaachisu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.