Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaatti hanga ammaatti tajaajilli mootummaa 620 gara dijitaalaatti jijjiirameera-Dooktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC)- Ijaarsa diinagdee dijitaalaa saffisiisuuf hojiilee hojjetamaniin hanga ammaatti tajaajilli mootummaa 620 gara dijitaalaatti jijjiiramuu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsan.

Gamaaggamni raawwii guyyoota 100 bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Waltajjichaarratti Dooktar Ballaxaa Mollaan akka jedhanitti, imaammannii fi tarsiimoon dijitaalaa bocamuun tajaajilaa dhaabbilee mootummaa gara dijitaalaatti jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjetamuu himan.

Hanga ammaattis tajaajiloota mootummaa 620 gara dijitaalaatti jijjiiruu eeranii, fuuldurattis hojiin tajaajiloota jiran gara dijitaalaatti jijjiiruu cimee kan itti fufu ta’uu eeran.

Telekoomiin dabalatee dameewwan garaagaraan sosochii biyyaalessaan bu’aalee olaanaan galmaa’uu kaasanii, hanga ammaattis sochiin faayinaansii tiriiliyoona 6 gaggeeffamuu dubbataniiru.

Ijaarsa diinagdee dijitaalawaa dhugoomsuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

Ministeerichi dameewwan qorannoo fi innooveeshiniin damee fayyaan, maanufaakchariingii, qonnaa fi dameewwan biroon bu’aalee qorannoo rakkoolee furan dhaqqabamaa taasisuuf akkasumas hojiin teeknoolojii madaqsuu qaamolee tumsitootaa waliin qindoominaan raawwatamuu ibsaniiru.

Ministeerichi qaamolee tumsitootaa waliin ta’uun, hubannoo dijitaalaa barattootaa yuunivarsiitii cimsuuf, marsaa jalqabaan inisheetiiviin dargaggoota kuma 10 fayyadamtoota taasisu eegalamuu ibsanii hanga ammaattis inisheetiivichaan dargaggoota miiliyoona 1 qaqqabsiisuuf kaan hojjetamu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.