Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanoota Dhaloota 2ffaa waliin waltajiin marii gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaanoota Dhaloota 2ffaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa waamichi taasifameen gara biyyaa dhufan waliin waltajjiin marii gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Waamicha Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad taasisan fudhachuun Itiyoophiyaanoota dhaloota 2ffaa fi Dhalattoota Itiyoophiyaa gara biyyaa dhufan waliin waltajjiin marii Mata Duree” Ka’umsa Seenaa ofii beekuu “ jedhuun Galmaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Tuurizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii, Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Diyaaspoorawwanii fi qoondaaltoonni olaanoo mootummaa biroon argamaniiru.

Aadde Adaanech waltajjicharratti hasaawa taasiisaniin, Diyaaspoorawwan waan biyyaa isaanii keessatti argan Addunyaaf beeksisuun gahee Ambaasaaddarummaa isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Akkasumas Diyaaspoorawwan biyyaa fi Aadaa isaa beekuurra darbee hojiilee misooma garaagaraa deeggaraa jiraachuu dubbataniiru.

Aadde Adaanech, Itiyoophiyaan daandii guddinaa fi misooma Ariifatarra jiraachuu kaasuun, kana itti fufsisuu, cimsuu fi waaressuurratti Diyaaspoorawwan Ashaaraa isaanii akka kaa’an gaafataniiru.

Mara’ool Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.