Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanoota Dhaloota 2ffaa marsaa 2ffaaf gara biyyaa dhufaniif simannaan taasiifamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 27, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaanoota Dhaloota 2ffaa marsaa 2ffaan gara biyyaa dhufaniif Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti simannaan taasiifamaa jira.

Ministira Ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii fi Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanaan sirna simannaa kanarratti argamaniiru.

Ayyaanoota yeroo itti aanu kabajan bakka dhaloota isaaniiti kabajuuf Itiyoophiyaannoonni dhaloota 2ffaa hedduun marsaa 2ffaa kanaan gara Itiyoophiyaa dhufaa jiraachuu Ambaasaaddar Naasiseen himaniiru.

Lammiileen kunneen yeroo turtii isaanitti yeroo gaarii akka dabarsaniif qophiin taasiifamuu himaniiru.

Waamicha marsaa jalqabaan Muddee 20 hanga Amajjii 30, 2016tti Itiyoophiyaanoonni dhaloonni 2ffaan hedduun gara biyya hidda dhaloota isaanii dhufuu dubbataniiru.

Qiddisti Abaateetu gabaas

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.