Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanoonni dhaloota 2ffaa marsaa 3ffaaf gara biyyaa dhufaa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa biyyoota addunyaa garagaraa jiraatan gara biyyaa dhufaa jiraachuun eerame.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Mudde 13, 2016 Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa biyyoota adda addaa jiraatan gara biyyaa akka dhufan waamicha dhiheessuun ni yaadatama.

Kaayyoon waamichichaas Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaan aadaa, seenaa fi duudhaa biyya isaanii akka hubataniif ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan yeroo ammaa marsaa 3ffaan biyya isaanii daawwachuuf gara biyyaa dhufaa jiraachuun ibsameera.

Guyyaa har’aas Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa gara biyyaa yoo dhufan Ministir Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, Daayrektara Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Obbo Balaayinee Aqnaawu dabalatee qondaaltonnii biroon Buufata Xiyyaara Idil Addunyaa Booleetti argamuun simataniiru.

Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaan gara biyyaa dhufan kunneen biyyatti bakkoota garaagaraatti daawwannaa ni taasisuun kan eegamu ta’uu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.