Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanonnii deeggarsa Hidha Haaromsaaf taasisan cimsanii akka itti fufan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa deeggarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaaf taasisan cimsanii akka itti fufan Ameerikaatti Embaasiin Itiyophiyaa waamicha dhiyeesse.

Itiyoopiyaanonni fi dhalattoonni Itiyoophiyaa Biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan hirmaannaa taasisaniin ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa sadarkaa xumuraarraa ga’uu embaasichi ibseera.

Diyaaspooraan ijaarsa hidhichaaf hojii qabeenyaa walitti qabu karaalee garaagaraa raawwachaa turuu yaadachiiseera.

Hojiilee ijaarsa hidhichaa hafan xumuruun hidhicha guutummaatti hojii eegalchiisuuf sharafa alaa olaanaa waan barbaachisuuf, diyaaspooraan karaa Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa www.itsmydam.com deeggarsa taasisuu eegale cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.