Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa Pirojektii Caakkaatti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa marsaa 3ffaan biyya alaarraa gara Itiyoophiyaa dhufan Sagantaa Ashaara Magariisaarratti hirmaachuun Pirojektii Caakkaatti biqiltuu dhaabaniiru.

Saganticharratti Ministira Ministeera Tuuriizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii, Itti Gaafatamtuu Waajjira Ministira Muummee fi Ministira Dhimmoota Kaabinee Alamtsahaay Phaawuloos dabalatee qondaaltonni olaanoo mootummaa biroon argamaniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu gaggeessaniin boodas hojiilee Pirojektii Caakkaan hojjetamaa jiran daawwachuu ragaan Ministeera Tuuriizimiirraa argame ni mul’isa.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waamichaa taaisan hordofee Itiyoophiyaanonni Dhaloota 2ffaa marsaa 3ffaan gara biyyaa dhufaa jiraachuun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.