Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa gara biyyaa dhufuu itti fufaniiru

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa biyya alaa jiraatan waamicha Ministirri muummee Dooktar Abiy Ahimad taasisan hordofee gara biyyaa dhufuu itti fufaniiru.

Guyyaa har’aas kutaalee Addunyaa garaagaraarraa Itiyoophiyaanota gara biyyaa dhufaniif simannaan taasifamaa jira.

Simannaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti taasifamerratti Ministirri Tuuriizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii, Ministira Galiiwwanii Ayinaalam Nigusee fi Komishinarri Komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Waamichi moggaasa “Back to your origins” jedhuun Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaaf taasifame, marsaalee sadiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, marsaan jalqabaa Muddee 20 hanga Amajjii 30, 206tti kan turu ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.