Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Yaa’ii Waliigalaa ‘CAF’ akka qopheessitu murtaa’e

Finfinnee, Fulbaana 6, 2017 (FBC) – Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ‘CAF’ Yaa’ii Waliigalaa Finfinneetti gaggeessuuf murteessuu ibsame.

Koreen Hojii Raawwachiiftuu Konfedereeshinichaa Yaa’ichi Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti akka gaggeeffamu murteessuu ibsameera.

Yaa’ichi Riippaablika Diimookiraatawaa Koongotti taa’amuuf murtaa’ee turus biyyattiin qopheessuu hin danda’u jechuu hordofee gaaffiin Itiyoophiyaa yaa’icha qopheessuuf gaaffatte fudhatama argachuu eerameera.

Haaluma kanaan Yaa’iin Waliigalaa CAF kun Baatii Onkololeessaa dhufu keessa Magaalaa Finfinneetti kan taa’amu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.