Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Yaa’ii Waggaa Gabaa Egeree Idil Addunyaa irratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Yaa’ii Waggaa Gabaa Egeree Idil Addunyaa 25ffaa Taayilaandi Baankookitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.

Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa Fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasaahuun Gofeen yaa’ichi

Taayilandi Baankookitti gaggeeffamuu eegaluu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsan.

Itiyoophiyaan ergaa miseensa yaa’ichaa taatee waggoota lama lakkoofsisuu fi yaa’icharratti hirmaachuunis, muuxannoo jiru qooddachuun, fuulduratti gabaa ammaayyaa akka qabaattuuf kan tumsuudha jedhan.

Yaa’ichi, waa’ee warraaqsa gabaa kaappitaalaa fi guddina waaraa, haalaa indaastiriiwwan naannawaa, sirna daldalaa addunyaa jijjiiramaan gabaa naannawaa fi biyyootaarratti dhiibbaa uumuu akkasumas kanneen biroorratti kan mari’atamu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.