Itiyoophiyaan Yaa’ii Ministiroota Fooramii Tumsa Raashiyaa Afrikaarratti hirmaatte
Finfinnee, Sadaasa 1, 2017 (FBC)-Itiyoophiyaan Yaa’ii Ministiroota Fooramii Tumsa Raashiyaa Afrikaarratti hirmaatte.
Yaa’icharratti, Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos dabalatee miseensonni jila Itiyoophiyaa biroon hirmaataniiru.
Yaa’ichi hariiroo gaarii yeroo dheeraa Raashiyaa fi Afrikaa gidduu jiru daran kan cimsu ta’uu kan ibsan Dooktar Geediyoon, Fooramiin tumsa Raashiyaa Afrikaa kaayyoo Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 milkeessuuf kan gargaaru ta’uu kaasan.
Walta’iinsa diinagdee damee daldalaa fi invastimantii Afrikaa fi Raashiyaa cimsuun akka barbaachisus eeraniiru.
Fayyadamummaa waloo cimsuuf, tumsa damee saayinsii fi teeknooloojiin jiru akkasumaas oomshtummaa guddisuu, teeknooloojiiwwan akka hubannoo namtolchee fa’aa fayyadamuu, indaastirii babal’isuu, dhibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa furuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti teessoo dhaabbii akka argattuuf deeggarsa Raashiyaan taasiftu Itiyoophiyaan gammachuun simatti jedhan.
Kana malees Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaatti mirkaneessuuf kutannoo kan qabdu ta’uu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Yaa’ichaan cinaatti Dooktar Geediyoon Ministirootaa Dhimma Alaa biyyoota Arikaa waliin marii gamlamee taasisaniiru.
#Oromia #Ethiopia