Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan yaa’ii idil addunyaa Faayinaansiin misoomaaf qopheessuuf waliigaltee mallatteessite

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan yaa’ii idil addunyaa Faayinaansiin misoomaaf qopheessuuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin waliigaltee mallatteessite.

Yaa’ii Misooma Faayinaansiif walga’ii qophii duraa Adoolessa 15 – 19, 2016 gaggeeffamu keessummeessuuf waliigaltee mallatteessite.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Tasfaayee Yilmaa fi Dhaabbatichatti Itti Aanaa Itti Gaafatamaan Qabeenyaa Diinagdee fi Dhimmoota Hawaasummaa Lii Jiinwaan waliigalticha mallatteessaniiru.

Itiyoophiyaan waggoota sagal dura Yaa’ii Idil Addunyaa Faayinaansiin Misoomaaf Finfinneetti keessummeessuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.