Itiyoophiyaan Waltajjii Marii Obboloota Afrikaa gaggeessuuf qophiitti jiraachuun ibsame
Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan Waltajjii Marii Obboloota Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamuuf qophii taasisaa jiraachuu Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.
Obbo Tamasgeen akka ibsanitti, baatii Eblaa darbe koree Olaanaa Qindeessitoota Fooramii Magalota Afrikaa waliin marii taasisuu yaadachiisan.
Wayita marichaattis mata duree “Ajandaa 2063-Diinagdee Magaalummaa Waaraa Ce’umsa Afrikaaf” jedhurratti mari’atamuu kaasaniiru.
Guyyaa har’aas koree olaanaa kanaa waliin qophiiwwan duraa gaggeeffamaa jiranirratti gamaaggamaa taasisuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Waltajjii Marii Obboloota Afrikaa qopheessuuf, qophii duraa gahaa taasisaa jiraachuu gamaaggamuu gama miidiya hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia