Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan waltajjii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Ardii Afrikaa 73ffarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC)- Itiyoophiyaan waltajjii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Ardii Afrikaa 73ffaarratti hirmaachaa jiraachuun ibsame.

Waltajjicharratti ajaandaalee fayyaa 20 ol irratti kan mari’atamu ta’uun ibsameera.

Waltajjichaan fayyaa hawaasa Afrikaa ammaa fi tarsiimoo fuulduraa, fayya hawaasa Idil addunyaa waliin kan ilaalamu ta’uun eerameera.

Kana malees, sanaadni yaada furmaataa qabate afur dhiyaachuun biyyoota miseensotaan kan raggaa’uu ta’uun ibsameera.

Itiyoophiyaan waltajjicharratti ibsa garaagaraa kan kennitu yoo ta’u waltajjicha cinaattis jilichi mariiwwan garaagaraarratti kan hirmaatu ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.