Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan waltajjii BRICS Raashiyaatti gaggeeffamerratti hirmaachuun bu’aalee dippilomaasii argamsiiseera-MDhA

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan waltajjii BRICS Raashiyaatti gaggeeffamerratti hirmaachuun bu’aalee dippilomaasii kan argamsiise ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbi Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaan ibsa miidiyaaleef kennaniin, Itiyoophiyaan waltajjiiwwan BRICS Raashiyaatti gaggeeffamerratti hirmaannaa taasisuun, mariiwwan gamlamee biyyoota miseensaa waliin taasisteen bu’aaleen dippilomaasii hedduun argamuu ibsan.

Waltajjiiwwan walga’ii BRICS fi hirmaannaa biyyoonni taasisan Itiyoophiyaan yeroo murteessaatti BRICStti makamuu kan mirkaneesse ta’uu Ambaasaaddar Nabiyyuun ibsaniiru.

Keessumaa mariiwwan addatti biyyoota Chaayinaa, Biraaziil, Afrikaa Kibbaa fi Raashiyaa waliin taasifameen gaaffiin miseensummaa Baankii Misoomaa Haaraa BRICS Itiyoophyaan dhiyeessite akka saffisuuf deeggarsa siyaasaa akka argamsiise dubbachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.